sulultapolytechniccollege@gmail.com +251118904024/+251118904020
News

Kolleejjiin Leenjii Teekinikaafi Ogummaa Iddoo Oomishtummaati:

February 05, 2026
Featured Image
Kolleejjiin Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa Bakka Oomishtummaati Kolleejjiin Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa Sulultaa baruu barsiisuu cinatti hojiiwwan ogummaan walqabatan hojjechuun galii argachaa jira. Kolleejjiin kun oomishtummaa guddisuu fi badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuu cinaatti madda kalaqaa fi dandeettiiti. Siree leenjifamtoota sibiilaa 75 Inistiitiyuutii Leenjii Ispoortii fi Qorannoo Atileetiksii Daraartuutiif gatii madaalawaadhaan dhiyaachuu isaa dura taa'aan Kolleejjii Leenjii Ogummaa Sulultaa Instiraaktar Tolchaa Nugusuu qulqullinaa fi gatii madaalawaa namoota bitachuu barbaadaniif kan dhiyeessan ta'uu ibsaniiru.

Media Gallery