sulultapolytechniccollege@gmail.com +251118904024/+251118904020
News

Leenjiin Intarpiranarshiippii Dargaggoota Kutaa  Magaalaa Sulultaatti Guyyoota Sadiif Kennamaa Ture Xummurame

February 04, 2026
Featured Image
Leenjiin Intarpiranarshiippii Dargaggoota Kutaa  Magaalaa Sulultaatti Guyyoota Sadiif Kennamaa Ture Xummurame Leenjii Interpiriinarshiippii Dargaggootaaf laachuun qoorqalbii Biiznasii isaanii guddisuuf fayyadamummaa diinagdee isaanii mirkaneessuuf Shoora olaanaa qaba. Bulchaan Kutaa Magaalaa Sulultaa Obbo Kumaa Hundee,Dargaggootni  hojii barbaaddota ta'uurra hojii uumtota akka ta'aniif Leenjiin Interpiriinership barbaachisaadha. Mootummaan jijjiiramaa riiformiiwwan Siyaasa-diinagdee taasisaan yaadama diinagdee ariifataafi dam_daneesaa ta'e bu'uura qabsiisuun fayyadamummaa Uummataa mirkaneessuuf interpiriinaroota yaadama biizinasii haaraa qabaniifi misooma biyyaafi naannichaa mirkaneessuu danda'an horachuuf Xiyyeeffannoo addaatiin hojjechaa kan jiru tahuu himan. Interpiriinarshiippiin utubaa guddina diinagdee biyyaa fi fooyya’iinsa jireenya hawaasaati,rakkoolee hawaasaa karaa haaraa fi salphaa ta'een furuuf teeknooloojii fi mala haaraa uumuun, carraawwan pootenshiyaala naannoo keenya keessa jiran irratti qorannoo gochuun dargaggootaa keenya hoji dhabdummaa irraa gara hoji qabeessaa ta'eetti jijjiiruu qabna jedhaniiru. Kaayyoon leenjii kanaa Dargaggoonni humna Badhaadhinaa ta'uun Diinagdeen akka of ijaaraniif qorqalbii biizinasii Dargaggootaa guddisuun akka of danda'an taasisuuf kennamaa jira. Dargaggootni jiruu fi jireenya isaanii jijjiiruuf hojii osoo hin tuffatiin hojii uummachuun murteessaa waan ta’eef leenjii Intarpiranarshiippii kennamaa jiru kanaan Ijaaramanii yoo hojjetan Ofii fi Maatii akkasumas diinagdeetii biyyaa saffisiisuu keessatti iddoo Olaanaa qaba.

Media Gallery