Kolleejjiin Poolii Teekinikaa Iddoo Kalaqaafi Ogummaan Cinaatti Oomishtummaafi Turizimii Taasisuuf Hojjetamaa Jira
Amajjii 18,2018 Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Sulultaatti Koolleejjiin Barnoota leenjii teekinikaafi ogummaa Sulultaa hojii baruufi barsiisuun cinatti oomishaa qonnaafi dammaa oomishuun galii isaa dabaluun hojjechaa jira.
Diiniin Kolleejjii Barnoota leenjii teekinikaafi ogummaa Sulultaa Obbo Tolchaa Nugusuu, kolleejjiin iddoo barnootaa qofa osoo hin taane iddoo oomishni garagaraa itti oomishamu taasisa jirra jedhan.Kana milkeessufis qonnaa gannaa qofa eeggachuu osoo hin taane jallisiin oomishuun akka danda'amu kolleejjiin keenya qabatamaan mirkaneessa jira,kunis hojii fakkeenyummaa qabuudha.Kana cinaattis oomisha dammaan iddoo qabutti fayyadamuun hojjechaa kan jiruudha.
Kollejjichis hawwatummaan isaa dabaluun iddoo hawwataa turizimiifi waltajjii garagaraa itti adeemsifamu taasisuuf,hojiitti galamee hojjetamaa kan jiruudha jedhan.Kunis barattoonnifi namni daawwachuu gara kolleejjii BLTO Sulultaa dhufu iddoo magarisaafi miidhagaa tahe miira gammachuun akka barnoonni isa hawwatu kan taasisuudha.Kunis Hawwatummaa isaa dabaluun miidhagina kollejjichaafi magaalaa Sulultaas kan dabalu tahuu obbo Tolchaan himan.
Kana malees iddoo sagantaafi waltajjiin adda itti gaggeeffamu taasisuuf galma waltajjiifi teessoo haaromsuun iddoo hawwataa taasisuuf kan hojjetamaa jiruudha.
Mootummaan hojiiwwan kalaqa tekinooloojii babal'isuun galmoota Magaalaa dhugoomsuuf dagaagina ogummaa kalaqaafi interpireenaraa dhugoomsuuf hojjechaa jira. Kunis dhaloota ogummeessuun carraawwan hojii ogummaan durfamu baay'inaan uumuun cinatti Oomishtummaa cimsuun guddina dinagdeefi tekinooloojii ceesisuu keessatti gahee olaanaa qaba.
Hawaasnis kana hubachuun hojiilee Blto keessatti hojjetamaa oddoo isaatti oomishuun galii isaa guddifachu akka qabu dhaaman.
https://www.facebook.com/kominikeeshinii.kutaa.magaala.sulultaa