sulultapolytechniccollege@gmail.com +251118904024/+251118904020
News

Leenjii Intarpirinarshiipii Dubartoota keenya kennun qorqalbii bizinasi isaanii guddisuu

February 15, 2026
Featured Image
Leenjii Intarpirinarshiipii Dubartoota keenya kennun qorqalbii bizinasi isaanii guddisuun naannoo keenya dinagdee ni humneessina! ‌‎Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Sulultaatti Leenjii Interpiruunaarshiippii dubartootaf kennuun qorqalbii bizinesii Isaanii guddisuun Naannoo Keenya Dinagdeen ni humneessina mata duree jedhu irratti Guyyaa 3 kennamuu jalqabee jira. ‎ ‎Ittigaafatamtuun Waajjiira Dhimma Dubartootaa fi Daa'imanni Aadde Tigist Balaay, Hirmannaa Dubartootaan ala Badhaadhina maatii fi Biyyaa fiduun hin damda'aamu, kanaafuu leenjiin akkana walitti fufiinsaan kennuun badhaadhina akka mootummaatti yaadamee bra gahuuf hojjechuu qabnaa jedhan. ‎Obbo Sisaay Haayilee Ittigaafatamaan Siyaasa Paartii Badhaadhinaa Damee Kutaa Magaalaa Sulultaa gama isaaniin, hojiiwwan Siyaasa, Dinagdee fi Hawaasummaa Akka biyyaatti hojjatamu milkeessu keessatti gaheen Dubartootaa olaanaa ta'u himuun, Dubartoonnis carraawwan Mootummaa gama adda addaan dirirsee fi hubannoo leenjii kanarraa argataniin fayyadamuun Dinagdee dhuunfaa fi Biyyaa keessatti gaheesaanii bahu qabu jedhaniru. ‎ ‎Dubartoota Leenjicha hirmaachaa jiran tokko tokko akka dubbisneetti xumura leenjii kanaa booda hojii otoo hin tuffatin hojjechuun hirkattummaa dinagdee keessaa bahuun dinagdeen of jijjiiruun,guddina biyyaa keessatti hirmaannaa akka taasiisan dhaamani jiru. ‎

Media Gallery